Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan ja’a darban Finfinneetti galiin Birrii Biiliyoonaa 74 ol walitti qabame

Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC)- Baatiiwan ja’an darban Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti galiin Birrii Biiliyoonaa 74 fi Miiliyoona 671 ol walitti qabamuun himame.

Dandeetti galii walitti qabuu magaalattii guddisuuf pirojektoota jireenyaa hawaasaa fooyyessan gaggeessuuf sirni galii ammayyaa’aa fi haqa qabeessaa ta’an hojiirra oolfamaa jirachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen yaa’ii idilee Mana Maree Magaalaa Finfinneerratti gabaasaa raawwii baatiiwwan ja’an darbanii dhiyeessaniin dubbataniiru.

Haaluma kanaan Baatiiwwan ja’an darban Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti galiin Birrii Biiliyoonaa 74 fi Miiliyoona 671 fi kuma 274 ol walitti qabamuun himame. Raawwiin kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo ilaalamu guddina %41.8 akka qabu eerameera.

Rakkoolee waliin dhahiinsaa galiirratti mul’atuuf to’annoon galmeessa gurgurtaa kuma 249 fi 820 gaggeeffamuun, daldaltootaa nagahee malee daldalan 795 to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.