Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan jahan darbanitti deeggarsi namoomaa Birrii biiliyoona 14’tti dhiyaatu taasifameera-BGO

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015 (FBC)- Baatiiwwan jahan darbanitti deeggarsi namoomaa Birrii biiliyoona 14’tti dhiyaatu taasifamuu Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise.

Hoggaanaan Busaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Tafarraa Bayyanaa akka ibsanitti, waggootan darban naannawaa hongeen mudateetti roobni tibbanaa roobu eegaleera.

Baatiiwwan jahan darbanitti deeggarsi namoomaa Birrii biiliyoona 14’tti dhiyaatu taasifamuu Obbo Tafarraan ibsaniiru.

Deeggarsa namoomaa walitti qabamees naannawaa hongeef saaxilamanitti geejjibsisuun seera qabeessaan lammiilee deeggarsi dhiyaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Deeggarsichis, meeshaalee nyaataa fi nyaataa beeyladoota ta’uu eeruun, deeggarsi taasifamuu ammallee cimee kan itti fufuu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Tibba darbe lammiileen deeggarsa maallaqa fi meeshaalee garaagaraa taasisaa turuu yaadachiisuun, Ityoophiyaanonni deeggarsa isaanii cimsaani akka itti fufaan Obbo Tafarraan gafaataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.