Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan kurnan darban Jimaan karaa seeraan alaa gara Alaatti ba’uuf ture Birrii biiliyoona 1.2 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015 (FBC) – Baatiwwan kurnan darban Jimaan karaa seeraan alaa gara Alaatti ba’uuf ture Birrii biiliyoona 1.2 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Rakkoolee Daldalaa Alaa Jimaa mudatan akkaataa furuun danda’amurratti ergitoota Jimaa waliin mari’atameera.

Kana dura guyyatati Jimaan Kiiloo Giraamni kumni 96 gabaa alaaf dhiyaachaa kan ture yoo ta’uu, yeroo ammaa Kiiloo Giraamni kumni 12 qofti dhiyaachaa jiraachuu maricharratti ka’eera.

Rakkoon sirna al ergii gabaa Jimaa muudate furuun dirqama ta’uu Komishinarri Komishinii Gumrukaa Obbo Dabalee Qaabataan ibsaniiru.

Qaamolee daldala seeraan Alaa Jimaa keessatti hirmaatanirratti tarkaanfii cimaan kan fudhatamu ta’uu kaasaniiru.

Oomishaalee qonnaa Ityoophiyaan gabaa alaaf dhiyeessitu keessaa Jimaan tokko ta’uu eeruun, oomishichi Diinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa qabaachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.