Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan kurnan darbanitti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 2.8tti tilmaamaman to’atame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC) – Baatiwwan kurnan darbanitti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 2.8 olitti tilmaamaman to’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiisee.
Baatiwwan kurnan darbanitti hojmaata kontiroobaandii ittisuuf hojii hojjetameen meeshaalee Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 64 fi kuma dhibba 7 fi kuma 41tti tilmaamamu baraaruun danda’amuu Ministirri Miniseera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaalew ibsaniiru.
Raawwiin kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallamu biiliyoona 1 caalmaa qaba jedhameera.
Meeshaaleen garaagaraa seeraa ala biyyaa ba’uu fi galuuf turan Birrii biiliyoona 2.8 olitti tilmaamaman to’atamuu ragaan Ministeerichaa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.