Fana: At a Speed of Life!

Baazaarii fi agarsiifni biyyaalessaa oomishtoota Indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa baname

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Baazaarii fi agarsiifni biyyaalessaa oomishtoota Indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa har’a bifa hoo’ina qabuun banameera.
Baazaarichi mata duree ‘waamicha biyyaalessaa misooma Indaasitirii maanuufaakcheriingiif’ jedhuun eegalameera.
Caffee aannanii (Meeksiikoo) mooraa Abbaa Taayitaa Maanuufaakcheriingi Xixiqqaa fi Giddugaleesaa Federaalaa keessatti bakka Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastiri obbo Malaakuu Allebal, hoggantoonni mootummaa olaanoo biroo fi dhimmamtoonni argamanitti banameera.
Baazaarii fi agarsiifni biyyaalessaa kun Muddee 21 -27, 2013tti kan turu ta’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaan guddina diinagdee bu’uura jabaarratti hundaa’e taasiisuuf oomishtootaa Indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessarratti xiyyeeffannoo olaanoo laachuu qabdi jedhame.
Baazaarii fi agarsiifni biyyaalessaa kun indaastiriiwwan ogummaa, beekkumsaa fi maallaqaan walitti hidhuun ce’umsaa beekkumsaa fi walitti hidhamiinsa gabaa Oomishitoota indaastiriiwwan idil addunyaa uumuun guddina diinagdee ariifachiisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.