Fana: At a Speed of Life!

Badhaafamaan badhaasa Akkaadaamii Artiist Toom Hankiisii fi haati warraa isaa vaayrasii koroonaatin qabamuun himame

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Badhaafamaan badhaasa Akkaadaamii Artiist Toom Hankiisii fi haati warraa isaa vaayrasii koroonaatin qabamuun himame.

Ogeessi aartii beekamaan Toom Hankiisii fi haati warraa isaa Riittaa Wilsan Awustraaliyaa keessatti qoratamuun vaayrasii koroonaan akka irratti argame himameera.

Hankiisii fi haati warraa isaa Riittaa Wiilsan sababii qorraatin yaala argachuuf ture gara hoospitaala Kuwiinsilaanditti argamu kan imalan.

Toom Haankiis gara Awustiraaliyaa Goold Koost kan imale seenaa jireenyaa Artiist Elviis Piriisiliin hojjeechuuf ture.

Guyyaa kaleessaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa vaayrasiin koroonaa sadarkaa weeraraarra ga’uu isaa ibsa laatet ture.

Toom Haankiis fuula Inistaagiraamii isaaniirratti “Dadhabbiin natti dhaga’amaa ture, akka waan qorri na dhahee, qaama kiyya na caccabsaa ture.” jechuun ibseera.

Kanumarraa ka’uun abbaan warraa fi haati warraa qorannoo erga taasisaniin booda vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Toom Haankiis fiilmiiwwan Foorast Gaampii fi Seviing Praayveet Riyaan jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, badhaasa Akkaadamii injifateera.

Awustiraaliyaa keessatti hanga ammaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 130 yoo ga’u, namni lubbuun darbe garuu hin galmoofne.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.