Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoonni Amantaa Islaamaa kutaalee biyyattii adda addaarraa dhufan Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Dureewwanii fi barsiisonni Amantaa Islaamaa kutaalee biyyattii adda addaarraa dhufan Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.
Itti Aanaa Pireezidaantii Mana Maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Abdulaaziiz Abdulwaalii dabalatee dureewwan Amantaa Islaamaa fi barsiisoonni amantichaa har’a Yaadannoo Injifannoo Adwaa kana daawwataniiru.
Yaadanichi seenaa Injifannoo Adwaa gabaabumatti kan beeksiisuu fi faayidaa tumsaa fi qabeenya ummataa kan barsiisu ta’uu abbootiin kunneen ibsaniiru.
Yaadannoon Injifannoo Adwaa maalummaa Itiyoophiyaanootaa kan ibsu qabeenya guddaa ta’uu idubbtaaniiru.
Wareegama qaalii abbootiin durii birmadummaa biyyaa kabachiisuuf kaffalan kan mul’isu Siidaa tokkummaa ta’uu himuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.