Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibiddaa Lixa Ameerikaatti muudateen lubbuun namoota 33 darbe

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Balaan Ibiddaa Kaaliifoorniyaa, Oriigoonii fi Waashiingitanitti muudate lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiise.
 
Balaa ibiddaa kanaan hanga ammaatti lubbuun namoota 33 yoo darbu, namoonni kumni 40 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.
 
Namoonni baayy’een achi buuteen isaanii hin argamne.
 
Hammi namoota lubbuu dhabanii dabaluu danda’a jedhameera.
 
Haalli qilleensaa yeroo ammaa jiru balicha daraan hammeessara.
 
Dhiha biyyattiitti ibiddi kun erga qabatee torbee sadi lakkoofsiseera.
 
Manneen jireenyaa hedduu fi bosona lafa heektaara miiliyoonatti lakkaawwamanirra barbadeesseera.
 
Balaa kanaan bineensonni bosonaa hedduun miidhamaniiru jedhame.
 
Lubbuu baraartoonni hedduun hojii lubbuu baraarurratti bobba’anis, haalli qilleensaa jiru dhiibbaa guddaa uumuu himameera.
 
Maddi:-BBC fi al jazeera
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.