Fana: At a Speed of Life!

Balaa konkolaataa qaqqabeen barattoonni Yuunvarsiitii 2 du’an

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Naannoo Amaaraa godina Goojjam Bahaa aanaa Dajanitti balaa konkolaataa qaqqabeen barattoonni Yuunvarsiitii 2 du’uu isaanii ibsame.
 
Balaan kun halka edaa naannoo sa’atii 6:30tti kan qaqqabe yoo ta’u, konkolaataan barattoota Yuunvarsiitii Waachaamoo 44 fe’ee gara godina Goondar Kibbaa imalaa ture kufuun miidhaa qaqqabsiisuu isaa himameera.
 
Balaa kanaan barattoonni 2 battalumaatti yoo du’an, barattoota 22 irra ammoo miidhaan cimaa fi salphaan ga’uu itti gaafatamaan Waajjira Poolisii aanaa Dajan Koomaandar Biimiraw Asaffaa Faanaa Broodkaastiing Korpooreetif himaniiru.
 
Barattoonni miidhaman hospitaala Dajanii fi Dabra Maarqoositti yaallamaa kan jira yoo ta’u, ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu ibsameera.
 
Salaam Asaffaatu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.