Fana: At a Speed of Life!

Balaa lolaa Roobni Arfaasaa qaqqabsiisuu danda’u ittisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Balaa lolaa Roobni Arfaasaa qaqqabsiisuu danda’u ittisuuf hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa beeksise.
Lolaan Rooba Arfaasaa lammiilee miiliyoona 2 miidhuu akka danda’u tilmaamamuu Komishinarri Komishinichaa Ambaasaaddar Shifarraaw Taklamaariyaam Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.
Lammiileen miiliyoonni 1 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu akka danda’us tilmaamamuu dubbataniiru.
Miidhaa lolaa Rooba Arfaasaan qaqqabuu danda’u ittisuuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu komishinarichi ibsaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa fi naannolee birootti hojiin qophii duraa hojjetama jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo darbe keessa lammiilee sababa balaa lolaan miidhaman miiliyoona 6.6 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaachuu himaniiru.
Ammas lammiilee sababa balaa lolaan miidhamaniif deeggarsi gahaan kan taasiifamu ta’uu eeraniiru.
Masaafinti Iyyaayyutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.