Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaa godina Halaabaatti qaqqabeen lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa godina Halaabaa aanaa Weeyraatti balaa Konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 7 darbuu qajeelchi Poolisii aanichaa beeksiseera.
Konkolaataan deddeebisa Ummataa Doolfinii jedhame namoota 10 fe’ee Magaalaa Duraameerraa gara magaalaa Shashamannee imalaa ture konkolaataa biroon walitti bu’uun balaa cimaa qaqqabsiisuu.
Lubbuun namoota 7 batalumatti yoo darbu, namoonni miidhaa cimaan irra qaqqabe Hospitaala Quuliitootti yaallamaa jiraachuu ibsameera.
Geetaachaw Muullataatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.