Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaa sababa ariitiin qaqqabu hir’isuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Balaa Tiraafikaa sababa ariitii seeraan alaa konkolaattootaan ga’u hir’isuuf hojjechaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Geejjiba Federaalaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa dhaabbileen 29 balaa tiraafikaa ga’u hir’isuuf konkolaattoota alaa galanii fi dura jiran mirkaneessa meeshaa ga’umsa ariitii akka laataaniif eeyyamni kennaameefii hojiitti galaniiru jedhame.

Haaluma kanaan dhaabbileen 4 meeshicha galchuun hidhuurratti kan argaman yoo ta’u, dhaabbiileen 25 ammoo meeshaalee kana adeemsaa alaa galchuurratti argamu jedhame.

Hanga ammaatti meeshaan ariitii seeraan alaa daangessu kumni 4 fi 225 konkolaattootarratti hidhamuu isaa ibsameera.

Awutoomoobiloota kuma 2 fi 803, Konkolaattoota fe’iinsaa 544, konkolaattoota ummataa 669 fi Siinootiraakii 209 irratti meeshaan saffisa seeraan alaa daangeessu hidhamuu isaa ragaan Abbaa Taayitaa Geejjiba Federaalarraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.