Fana: At a Speed of Life!

Balaa xiyyaaraa Kaazaakistaanitti qaqqabeen lubbuun namoota 14 darbe

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Balaa xiyyaaraa Kaazaakistaanitti qaqqabeen lubbuun namoota 14 darbuun himame.

Qabeenyummaan isaa Beek Eer kan ta’e xiyaarri kun balalliif ka’ee daqiiqaa muraasa booda caccabuutu himame.

Balichaan kan du’aniin dabalataan namoota 60 irraa miidhaan qaama qaqqabuutu ibsame.

Xiyaarichi magaalaa Almaatiirraa gara Nuur Sulxaan imaluuf akka ka’een gamootti bu’uun balichi qaqqabuu poolisiin beeksiseera.

Ka’umsa balaa kanaa hanga ammaatti hin beekamne jedhameera.

Maddi: BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.