Fana: At a Speed of Life!

Balaan Xiyyaara Jigjigaa gara Dirree Dawaa balali’aa tureerra ga’e miidhaan namarra qaqqabe hin jiru jedhame

Finfinnee, Adooleessa 21, 2013 (FBC) – Balaan Xiyyaara Jigjigaa gara Dirree Dawaa balali’aa tureerra ga’e miidhaan namarraan qaqqabsiise kan hin jirre ta’uu Biiroon Qorannoo Balaa Xiyyaaroota Ityoophiyaa beeksiise.

Kibxata darbe waaree booda Xiyyaarri qabeenyummaan isaa Tajaajila balallii Abiisiiniyaa ta’e Sagantaan Nyaataa Addunyaa Kireeffachuun itti fayyadamaa osoo jiruu Jigjigaa gara Dirree Dawaa wayita balali’aa ture balallii eegalee daqiiqaa 33 booda kufuu mirkanaa’eera.

Xiyyaarichi hojjettoota Sagantaa nyaataa Addunyaa 2 fi garee balallii 2 waliigala namoota 4 fe’ee balali’aa turuu biirichi beeksiiseera.

Miidhaan namarra qaqqabe kan hin jirre ta’uu mirkaneesseera.

Xiyyaarichi sababa haala qilleensaan Godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaatti kufuu isaa ibseera.

Balichaan miidhaa salphaan xiyyaararra ga’uu fi qorannoo gaggeessuuf gareen qorannoo gara sana kan imalu ta’uu itti gaafatamaan biirichaa Koolooneel Amdiyyee Ayyaalew ibsaniiru.

Zamanan Bayyanaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.