Fana: At a Speed of Life!

Balaawwan ibiddaa kaleessa mudataniin qabeenyi hedduun barbadaa’e

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Shaggaritti guyyaa kaleessaa balaawwan ibiddaa sadii mudataniin qabeenyi hedduun barbadaa’uu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Finfinnee beeksise.

Ogeessi Quunnamtii Ummataa Koomishinichaa Nigaatuu Maammoo FBC’f akka ibsanitti, kaleessa halkan sa’aatii 4:58’rraatti gamoo abbaa darbii torbaarra balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 60 olitti tilmaamamu manca’eera.

Namoota 10 irraas miidhaan qaqqabuu fi namoota balaan irraa qaqqabe keessaa sadii hojjettoota balaa ibiddaa ta’uu dubbataniiru.

Balichi kan qaqqabe gamoo bulchiinsi Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa tajaajila biiroo dabalataaf kireeffatee fi hojii eegaluuf kan ture ta’uun ibsameera.

Balaawwan ibiddichaa to’achuufis konkolaatonni balaa ibidda 8 fi ambulaasiiwwan 2 hojjettootaa balaa ibiddaa 65 waliin bobbaafamuu dubbataniiru.

Kutaa Magaalaa Guullallee Aanaa 5 naannawaa buufataa konkolaata Askootti konkolaataa deddeebisaa ummataarraa balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 1’tti tilmaamamu manca’eera.

Gama biraatiin, guyyaa kaleessaa sa’aatii 10:46 irratti Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti Warshaa Huuccuu Shufin irra ga’een qabeenyi Birrii kuma 300’tti tilmaamamu manca’eera.

Balaawwan kanneen to’achuufis tattaaffii taasifameen qabeenya Birrii miiliyoona 250’tti tilmaamamu baraaruun akka danda’ame eerameera.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.