Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa darbeetti humna elektirikii Giigaa waatii 15 ol maddisisuun danda’ame

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Humni Elektirikii Ityoophiyaa bara 2012 keessa humna elektirikii Giigaa Waatii kuma 15 ol maddisiisuu isaa beeksise.

Bara baajatichaa humni elektirikii Giigaa Waatii kuma 16 fi 165.48 maddisiisuuf karoorfamee Giigaa Waatii kuma 15 fi 192.11 maddisiisuu Humna Elektirikii Ityoophiyaatti Daayreektarri deeggarsa tajaajilaa fi teeknikaalaa opporeeshiin maddawwanii obbo Sannaay Gabragiiyoorgiis himaniiru.

Bara hojichaa biyyattiitti hanqinni dhiyeessii humnaa kan hin muuddanne ta’uu kan ibsan obbo Sannaay, humni bara baajatichaa oomishame kan bara 2011 irra % 9.5 caalmaa qaba jedhan.

Yeroo ammaa biyyattiitti buufataaleen madda humnaa 21 kan jiran ta’uu himaniiru.

Bara 2013 keessa tajaajila biyya keessaa fi gurgurtaa alaaf humna elektirikii Giigaa Waatii kuma 17 fi 307 oomishuuf karoorri qabamuu ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.