Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaa meeshaaleen kontiroobaandii birrii biiliyoona 3.6 olitti tilmaamamu to’atame – Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Bara baajataa 2013 meeshaaleen kontiroobaandii Birrii biiliyoona 3.6 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.
 
Gamaaggama raawwii hojii bara baajataa 2013 gaggeeffameerratti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 3.6tti tilmaamamu to’atamuu ibsameera.
 
Dameen Ittisa Yakkaa sadarkaa biyyaalessatti ergama biyyalessaa hedduu fudhatee hojjechaa turuu Komishinii Poolisii Federaalaatti Itti gaafatamaan Damee Ittisa Yakkaa Itti aanaan Komishinaraa Jeneraal Malaakuu Faantaan ibsaniiru.
 
Iddoolee rakkoon nageenyaa muudate hedduutti qaamolee nageenyaa naannolee waliin ta’uun hojiileen hedduun hojjetamuu kaasaniiru.
 
Hanqinoota turan maksuun ciminoota jiru itti fufsiisuuf kan hojjetamu ta’uu Itti aanaan Komishinaraa Jeneraal Malaakuun eeraniiru.
 
Kaayyoon keenya olaanaan yakka ittisuun nageenya fi tasgabbii biyyaa mirkaneessuudha jedhan.
 
FinfinneeFeesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.