Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa dhufu xaa’oo biyyoo kuntaala miiliyoona 18 fi kuma dhibba 1 ol dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) Bara oomishaa 2013/14 xaa’oo biyyoo kuntaala miiliyoona 18 fi kuma dhibba 1 ol dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministeerichi dhimma dhiyeessii galtee qonnaa ilaalchisee qooda fudhattoota waliin magaalaa Bahaar Daaritti marii gaggeessaa jira.
Oomishaa fi oomishtummaa Qonnaa dabaluuf teeknooloojii fi galteewwan barbaachisan guutuuf hojjetamaa jiraachuu Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa aadde Ayinaalem Niguseen ibsan.
Bara oomishaa 2013/14 xaa’oo biyyoo kuntaala miiliyoona 18 fi kuma dhibba 1 ol yeroon qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Muddee 27, 2013 eegalee bittaan xaa’oo biyyoo raawwatamuun gara biyyaa gala akka jiru ibsaniiru.
Hanga ammaattis xaa’oon biyyoo miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 1 ol Waldaalee Hojii Gamtaaf raabsamaa jiraachuu ibsameera.
Waltajjii marii har’a eegalameerratti hoggantoonni federaalaa, naannolee, godinaalee fi ogeeyyiin qonnaa, akkasumas Yuuniiyeenoonni hirmaachaa jiru jedhame.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.