Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa kana hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 5 sanyiin uwwifamuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Bara oomishaa 2013/14 hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 5 sanyii akaakuu garaagaraan uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.
Qonna gannaa bara kanaan lafa hektaara miiliyoona 13.5 sanyiin uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri miiliyoonni 5 sanyiin uwwifamuu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.
Hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 6 ol sanyiin uwwifamuu qaba ture jedhan.
Sababa hanqina Roobaan haala karooraan raawwachuun dadhabamus hojiin sanyii facaasuu haala gaariin raawwatamaa jiraachuu kaasaniiru.
Xaa’oo bara kana dhiyaachuuf karoorfame kuntaala miiliyoona 18 keessaa hanga ammaatti % 92 dhiyaachuu ibsaniiru.
Gatiin xaa’oo sadarkaa idil addunyaatti dabaluu hordofee Yuuriyaan hanqina qabaachuu fi kan dhiyaachuuf karoorfame keessaa % 72 qofti dhiyaachuu kaasaniiru.
Bara kana mata duree ‘lafti tokkooyyuu hagabuu buluu hin qabu’ jedhuun lafti hektaarri kumni dhibbi 3 dabalataan qotamuu obbo Umar ibsaniiru.
Bara oomishaa 2013/14 callaa kuntaalli miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 75 kan eeggamu ta’uu eeraniiru.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.