Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni sababa rakkoo nageenyaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa hin fudhanne Amajjii 24 – 27, 2014 ni fudhatu jedhame

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Barattoonni sababa rakkoo nageenyaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2013 hin fudhanne Amajjii 24 – 27, 2014 kan fudhatan ta’uuTajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaatilee beeksiise.

Qormaata marsaa 2ffaaf laatamu kana barattoonni kumni 58 fi 936 kan qoraman ta’uu itti aanaan daayreektera tajaajilichaa obbo Tafarraa Fayyisaa dubbataniiru.

Godinaalee fi aanaalee Naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi Beenishaanguul Gumuzitti barattoonni sababa rakkoo nageenyaan qormaata biyyaalessaa kana hin fudhanne marsaa kanaan kan fudhatan ta’uu ibsaniiru.

Qormaanni kun karaa nagaan akka xumuramu hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii EBCn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.