Fana: At a Speed of Life!

Barri Faranjootaa 2019 Ameerikaatti bara ajjeechaan waliigalaa olaanaan itti galmaa’e jedhame

Muddee 20, 2012 (FBC) – Bara Faranjootaa 2019 xumuramaa jiru keessa Ameerikaatti ajjeechaa waliigala 41 raawwatameen, lubbuun namoota 211 darbeera. Dhimmicharratti qorannoo gaggeessan Asoosheetid Prees, US Tuudayii fi Yuunvarsiitiin Noorz Iistarn jedhaman ifoomsaniiru.

Baatii Hagayyaa keessa qofa Varjiiniyaatti namoonni 12, Teeksaasitti ammoo namoonni 22 ajjeefamuun isaanii ibsameera. Ajjeechaawwan 41 keessaa 33 meeshaalee waraanaatiin kan raawwataman ta’uu qorattoonni biyyaattii ifoomsaniiru.

Kutaan bulchiinsa Kaalifoorniyaa ammoo ajjeechaawwan waliigalaa saddeet galmeessuun kutaa Ameerikaa biroo caalaa iddoo ajjeechaan olaanaan itti raawwatame ta’uun ibsameera.

Ajjeechaan waliigalaa hedduun kan raawwatame waldhabdee maatii, daddabarsa qorichaa ykn namoota hojii alseerummaan irratti wal lolaniin ta’uunis himameera.

Lakkoofsi namoota addatti wal ajjeesanii hir’ataa jiraatuus, kan walii gala dabalaa jiraachuu ogeessi qo’annnoo yakkaa Meetroo Pooliitaan Isteet Yuunvarsiitii Miinisootaa Proofeesar Jeems Deensiliiy ibsaniiru.

Ji’a Hagayyaa keessaa erga ajjeechaan walii galaa Daaytoon, Teeksaasii fi Ohaayootti raawwateen booda preezdaant Traamp qaamolee meeshaalee qabatan irratti qoo’annoo cimaan akka gaggeeffamuu qabu waadaa galaniit tura.

Haa ta’u malee Traamp waadaa seenan osoo hin raawwatin turaniiru. Hoggantoonni demokraatotaa garuu to’annoon meeshsaalee waraanaa akka jabaatu ji’a darbe keessa ifatti gaafataa turan.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.