Fana: At a Speed of Life!

BBCn gabaasa dhimma Hidha Haaroomsaarratti tamsaaseef dhiifama gaafate

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – BBCn Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiitu dhimma hidha haaroomsaa Sudaanii fi Gibts walqabaturratti dubbataniiru jechuun gabaase hojjeteef dhiifama gaafate.
 
Dooktar Abiy Wiixata darbee gaaffilee dhimma Hidha Haaroomsaa Guddichaa ilaalchisee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa ka’aniif ibsa laachuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Wayita kana Dooktar Abiy ‘Ityoophiyaan waa’ee Hidha Haaroomsaarratti Sudaanii fi Gibts kadhachuu ifatteerti’ jedhan jechuun BBCn kallattiin gabaasee ture.
 
Yaa ta’uutii ibsa Dooktar Abiy taasisan gabaasurratti dogongorri uumamuu BBCn beeksiseera.
 
Gabaasicha dhiyeessurratti dogongora yaadaa uumameef dhiifama gaafateera.
 
Gabaasa tatamsa’ee tures fuuloota isaa hundarratti sirreessuu isaa beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.