Fana: At a Speed of Life!

Beenishaanguul Guumz Hidha Haaromsaarraa fayyadamaa ta’uuf karoora qopheessuusaa beeksise

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Naannon Beenishaanguul Guumz Hidha Haaromsaarraa fayyadamaa ta’uuf karooraa fi tarsiimoo qopheessuusaa beeksise.
 
Hidhichi carraa misoomaa bal’aa qabatee kan dhufu ta’uu itti aanaan preezdaantii naannichaa obbo Geetaahuun Abdiisaan beeksisan.
 
Haroo hidhichaan uumamurratti hojii misoomaa hojjetamuuf naannichi karoora waggaa 5 qopheessuusaa eeraniiru.
 
Karooricharrattis mariin taasifamuun ibsameera.
 
Ijaarsi hidhichaa naannicha keessatti kan hojjetamu ta’uun isaa, yammuu xumuramutti faayidaa hedduu qabatee kan dhufu ta’uu beeksisaniiru.
 
Aadaa fi tuuriizimii naannichaa misoomsuuf ni gargaara jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.