Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Galiiwwanii Finfinnee galii birrii biiliyoona 107 walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 4, 2015 (FBC)- Biiroon galiiwwanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bara baajataa 2015’tti galii Birrii biiliyoona 107 walitti qabuu beeksise.

Galichi biiroolee galiiwwanii, dhaabbilee giddugaleessaa fi kutaalee magaalaatiin kan walitti qabame ta’u Hogganaan Biirichaa Obbo Adam Nuurii dubbataniiru.

Galichi kan bara darbeen yoo walbira qabamu Birrii biiliyoona 38 caalmaa akka qabu ibsameera.

Biirichi sagantaa sosochi beeksisa gibiraa bara baajataa 2016 fi xumura karooraa bara baajataa 2015 gaggeesseera.

Saganticha irratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen, gibirri daandii haqa qabeessummaa ittiin mirkaneessan keessaa ijoo ta’uu kaasaniiru.

Hojjettoota raawwii olaanaa galmeessan, daldaltoota amanamtummaan gibira kaffalaniif beekkamtii kennaniiru.

Bara baajataa 2016’ttis galii Birrii biiliyoona 140 walitti qabuuf karoorfamuun eerameera.

Siisaay Duulaa fi Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.