Fana: At a Speed of Life!

Bilbilli ammayyaa’aa suurota hin barbaachifne hin kaafne ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Bilbilli ammayyaa’aan suurota hin barbaachifne kaasuuf hin eyyaamne ifoomera.

‘Tone E 20’ kan jedhamuu kun dhaabbata bilbilaa Toon Jaappaniin kan hojjatame ta’uun ibsameera.

Bilbilichi maamiltoonni suurota gama kamiin fudhatama hin qabnee fi hin barbaachifne akka hin fudhannee ykn hin kaafnef eyyama hin laatu jedhameera.

Haaluma kanaan bilbila ismaart ammayya’aa kamiinuu kan ofiis ta’e nama biraa suuraa safuu hin eegnee fi hin barbaachifne kaasuun hin danda’amu jedhameera.

Bilbilli gochaa kana raawwatu kunis sadarkaa idi addunyaatti isa jalqaabaati jedhameera.

Kanarra darbee bilbilichi suurota hin barbaachifne intarneetii fayyadamuun googilii fi fuulota biroorraa buusuuf kan hin eeyyamne ta’uun himameera.

Bilbilicha meeshaalee birootin wal qunnamsiisun suurota hin barbaachifne bilbilaan kaasuu fi buusuuf yaalame ilaalchisee ergaa kan qaqqabsiisu ta’uun ibsameera.

Maddi:-Odiitii seentraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.