Fana: At a Speed of Life!

Bitootessa 10 eegalee paaspoortii haaraan baatii tokkotti kennamuu ni eegala

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) –Bitootessa 10 eegalee paaspoortii haaraan baatii tokkotti kennamuu ni eegala.

Eejansiin Immigreeshinii, Lammummaa fi Taateewwanii akka beeksisetti, paaspoortii haaraan baatii tokko keessatti kennamuu ni eegala.

Daayreektarri olaanaa eejansichaa obbo Mujib Jamaal akka beeksisanitti, kanaan dura paaspoortii baafachuuf baatii lamaa fi guyyaa 15 ol fudhata ture.

Hojimaataa haraa kanaan dhimma ariifachiisaaf paaspoortii baafachuun guyyoota shan qofa fudhata.

Bara darbe Gurraandhalaa eegalee hanqina waraqaa mudateen, paaspoortii haaraa baafachuun baatii tokkoo gara baatii lamaa fi guyyaa 15tti dheereffameet ture.

Yeroo ammaatti paaspoortii kuma dhibba 2 fi kuma 70 amma kuma dhibba 3 qabaachuu ibsanii, yeroo itti aanuttis paaspoortii kuma dhibba 5 galchuuf waliigalteen raawwatamuu ibsaniiru obbo Mujib.

Hojimaata kanaan duraatin baatii lamaa amma sadiitin, tajaajilamtoonni kumni 90 ta’an eeggachaa jiru.

Bitootessa 10 eegalee garuu paaspoortii haaraan baatii tokkotti kennamuu ni eegala jedhaniiru.

Lakkoofsi fuula paaspoortichaas kan dabalu ta’uu ibsan.

Hojjettoonni eejansichaa namoota ulaagaa hin guunnee fi lammiilee biyyoota alaatif paaspoortii laatan 10 to’annoo jala ooluu eeraniiru.

Hojjettoonni kanneen lammiilee biyyoota alaarraa Doolaara kuma 5 ol fudhachuu kan ibsan daayreektarri olaanaan kun, paaspoortonni 77 seeraan ala hojjetamuus ibsaniiru.

Paaspoortonni kanneen tajaajilarra akka hin oollee fi namoonnis akka itti gaafataman Iintarpoolitti beeksifameera.

Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.