Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni miseensa Biriiksi(BRICS) yaadota walitti bu’iinsa kakaasan irraa of qusachuu qabu – Shii Zhiipiing

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Chaayinaa Shii Zhiipiing, biyyoonni miseensa Biriiksi(BRICS) yaadota walitti bu’iinsa kakaasan keessaa ba’uun nageenyaa fi tasgabbii addunyaaf akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
Tattamsa’ina Covid -19nin dhiibbaa diinagdee dhaqqabee fi kutaalee addunyaa adda addaa keessatti walitti bu’iinsi muul’atan haalota kanaan dura turaniin caalaatti rakkoolee hamaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhiibbaa kana dandamachuuf biyyoonni miseensa Biriiksi dandeettii guddaa qabaachuu himuun, misooma, nagaanya, walqixummaa fi diimookiraasii babal’isuuf hojiilee qabatamaa hojjechuun barbaachisaa ta’uu Preezdaant Shii Zhiipiing himaniiru.
Biyyoonni miseensota Biriiks tarkaanfii qabatama hojirra oolchinaan haala rakkisaa addunyaa kanaa jijjiiruuf dandeettii qabaachuu eeraniiru.
Nageenyaa fi faayidaa waloo irratti ciminaan hojjechuu akka qaban dhaamuu isaanii Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa CGTN wabeeffachuun gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.