Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni miseensa gamtaa Awurooppaa Liibiyaatti daddabarsa meeshaa waraanaa to’achuuf waliigalan

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Biyyoonni miseensa gamtaa Awurooppaa Liibiyaatti daddabarsa meeshaa waraanaa to’achuuf mala haaraa diriirsuuf waliigalan.

Biyyoonni miseensa gamtichaa 27 waliigaltee qajeelfamoota mala haaraa irra kan ga’an yoo ta’elle barreeffamaan kan qophaa’e ta’uu qaba jedhame.

Kaayyoo olaanaan meeshaa waraanaa to’achuu ta’uu ministirri dhimma alaa Lukzambarg Jeen Aselboorn himaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomannin beekkamtiin kan kennameef mootummaan Tripoolii Bahaa fi Kibba Liibiyaa hedduu kan to’ate miidhaan humna Jeneraal Kaliif Haftaariin irra ga’aa jira jedhame.

Gamtaan Awurooppaa ergama galaanaa fi qilleensaa Baha Medetiraaniyaarra ta’uun hojii to’annichaa akka hojjetu himameera.

Maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.