Fana: At a Speed of Life!

Boba’aan hammaan hedduu ta’e Jibuutii gara Ityoophiyaa seenaa jira – Ministeera Daldalaa fi Indaastirii

Finfinnee, Eebila 3, 2013 (FBC) — Boba’aan hammaan hedduu ta’e Jibuutii gara Ityoophiyaa seenaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.

Boba’aan liitirri miiliyoonni 2.5 kana dura guyyaan seenaa ture, yeroo ammaa liitirri miiliyoonni 3 guyyaan Jibuutii gara Ityoophiyaa seenaa jiraachuu Ministirri Deettaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Esheetee Asaffaan Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.

Dabalataan kuusawwan naannolee hundatti argaman kuufama ga’aa waan qabaniif sodaan hanqina dhiyeessii hin jiru jedhan.

Rakkoon tibbana muudate sababa rakkoo nageenyaa naannoo Afaariitti muudateen ta’uu himuun, rakkinicha furuuf Bootteewwan boba’aa baay’iinaan gara biyya keessaa boba’aa fe’anii seenaa jiraachuu himaniiru.

Yaa ta’uutii kuusawwan boba’aa tokko tokko haala muudate fayyadamuun hojii seeraan alaa hojjechaa jiraachuu to’annoo taasiifameen mirkanaa’uu dubbataniiru.

Dhaabbiileen kunneen gochicharraa akka of qusachuu qaban hubachiisaniiru.

Daballii gatiis ta’ee hanqinni dhiyeessii kan hin jirre ta’uu hubachuun qaamni hundi tasgabbiin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.