Fana: At a Speed of Life!

Boordichi Yaa’ii waliigalaa ABO ilaalchisee murtoo dabarse

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa Yaa’ii waliigalaa Paartii Adda Bilisummaa Oromoo ilaalchisee murtoo kennuu beeksiiseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa waldhabdee Hoggantoota ABO gidduutti uumame ilaalchisee walfalmii dhiyaachaa ture qorachuun murtoo dabarsuun kan yaadatamuudha.
Murtoo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Yaa’iin gareen obbo Araarsoo Biqilaa Bitootessa 4, 2013 yaame fudhatama hin qabu jechuun dabarse ol iyyaannoo dhiyaate bu’uura godhachuun Manni Murtii Olaanaa Federaalaa sagalee caalmaan haqeera.
Boordichi komii isaa Mana Murtii Federaalaaf dhiyeessuus, murtichi iyyannoo hin barbaachisu jechuun sagalee caalmaan fudhatama dhabamsiiseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhimmicha Mana Murtii Ijibbaataaf dhiyeeffachuun Manni Murtichaa yaada murtoo Boordichaaf dhiyeesseera.
Paartichi Yaa’ii waliigalaa yaamuu akka qabu ibsuun Paartichi rakkoo hoggansaa amma keessaa jiruun yaa’icha osoo hin gaggeessiin dura dambii yaamicha Yaa’ii fi seera filannoo hordofuu isaa mirkanneessuun barbaachisaa ta’uu ibseera.
Haaluma kanaan karoora yaamicha Yaa’ii, Yaamicha yaa’ii ilaalchisee murtoo qaamni seera qabeessi Paartichaa laate fi qaboo yaa’ii murtichaa akka dhiyeeffatan murteesseera.
Boordichi qaamoleen kunneen murtoo kana baatii tokko keessatti yookaa hanga Eebila 16, 2014tti akka dhiyeeffatan murteessuu beeksiseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.