Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa, gaaffii Paartii Demokraasummaa Ityoophiyaarratti ka’ee tureef murtee laate

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa, gaaffii Paartii Demokraasummaa Ityoophiyaarratti ka’ee tureef murtee laate.

Gaaffiin paarticharratti ka’ee ture waggaa lamaaf walmormisiisaa tureera.

Paartichi xalayaa Onkololeessa 25,2012 boordichaaf barreessen, filannoo hoggansaa fi walga’ii mana maree paartichaarratti komii kaaset ture.

Manni maree paartichaa walga’ii ariifachiisaa Adoolessa 6,2011 gaggeessen, murtee addaddaa dabarsuu fi boordichi beekamtii akka laatuf gaafateet ture.

Boordichaan beekamtii akka hin argatinis xalayichaan gaafateet ture.

Onkololeessa 23,2012 ammoo walga’ii ariifachiisaa gaggeessuu, walga’ichi yaada miseensota mana marichaatin kan waamame ta’uu, guyyaan walga’ii murtee hoji raawwachiistuun murtaa’uu eera.

Boordichis murteewwan dhiyaatan ka’umsa godhachuudhan,Sadaasa 29,2012 hoggansa paartichaa olaanoo waliin mari’achuu ibseera.

Boordichi adeemsii fi murteewwan paartichaa seera kan eeggatan ta’uu beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.