Fana: At a Speed of Life!

Booris Joonsan dorgommii Paartii Konsarvaatiivii hogganuuf taasifamu keessaa of qoqqoban

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC)– Muummeen Ministiraa duraanii Ingiliz Booris Joonsan irra deebiin Paartii Konsarvaatiivii hogganuuf dorgommii taasifamu keessaa of qoqqobaniiru.

Murtecha hordofees Booris Joonsan Liiz Tireesiin bakka bu’uun gara muummee ministirummaatti akka hindhufne mirkanaa’uun ibsameera.

Of qooqqobuu Booris Joonsan hordofee Ministira Faayinaansii duraanii Rishii Suunaakii fi Dursaa Paarlaamaa Ingiliz Peenii Mordaawunti duraa taa’ummaa Paartichaaf morkattootaa ta’uun dhiyaataniiru.

Gabaasaaleen ba’aa jiran akka mul’isanitti Rishii Suunaak kan muummee ministirummaarraa of kaaste Liiz Tireesiin bakka bu’uuf tilmaamaa bal’aa argataniiru.

Har’a sa’a booda filannoo xumurama jedhameen Peenii Mordaawunti filannoo ministirummaa injifachuuf deeggarsa walitti qabaachaa jiraachuu BBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.