Fana: At a Speed of Life!

Boru tajaajjilli geejjibaa Taaksii bilisaan ni laatama

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Guyyaa Boruu Qaammee 1 guyyaa tajaajilaa sababeeffachuun magaalaa Finfinneetti tajaajjilli geejjibaa Taaksii bilisaan ni laatama.

Boru ganama sa’aatii 1:00 – 3:00tti tajaajjilli Geejjiba Taaksii bilisaan kan laatamu ta’uu Koreen Waloo Waldaa Taaksii Minii Baasii 13 fi Hayigar Baasii 3 ibsaniiru.

Guyyaan kun Itiyoophiyaa fi Ummata ishee yeroo hunda tajaajila Geejjibaa fayyadamaniif galata dhiyeessuuf carraa kan uume ta’uu Qindeessan Korichaa Obbo Ayyaalew Siyyuum ibsaniiru.

Boru ganama sa’aatii 1:00 – 3:00tti kallattii bobbii hundaan Taaksiiwwna Minii Baasii tajaajila Geejjibaa laataan bilisaan kan tajaajilan ta’uu dubbataniiru.

Taaksiiwwan waldaalee kanneen jala jiran kumni 5 fi 250 tajaajila bilisaa kan laatan ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.