Fana: At a Speed of Life!

Braaziilitti aduu tokkotti namoonni kumni 54 fi 771 vaayrsasii koroonaa qabaman

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) – Braaziilitti lakoosi namoota Covid -19 qabamanii miiliyoona 1 caale.
 
Braaziilitti aduu tokkotti namoonni kumni 54 fi 771 Covid -19 qabamuu Ministeerri Fayyaa Braaziil beeksise.
 
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma 38 ol dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 49 fi 90 darbeera.
 
Braaziil Ameerikaatti aanuun biyya daraan dhibichaan miidhamte taaterti.
 
Ameerikaatti namoota vaayrasichaan qabaman miiliyoona 2 fi kuma dhibba 2 fi kuma 97 ol keessa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 21 fi 407 lubbuu dhabaniiru.
 
Raashiyaan sadarkaa 3ffaarratti kan argamtu yoo taatu, biyyattiitti namoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 56 ol dhibee kanaan qabamaniiru.
 
Akka ardii Afrikaatti ammoo Afrikaa Kibbaatti namoota kuma 87 fi 715 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 1 fi 831 yoo darbu, Gibtsitti namoota kuma 52 fi 211 qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 2 fi 17 darbeera.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa daraan hammaachaa dhufeera.
 
Addunyaarratti guyyaa tokkotti  qofa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 50 dhibee kanaan qabamaa jiraachuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ifoomseera.
 
Maddi:-CNN fi Worldometer
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.