Fana: At a Speed of Life!

Bu’aalee galmaa’aan jajjabeessuu fi rakkoolee furuuf ittigaafatama biyyaalessaa qabna-Aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa bu’aalee galmaa’an jajjabeessuu fi rakkoolee jiran mariin furuuf ittigaafatama biyyaalessaa akka qaban Afyaa’ii Ittaantuun Mana Marichaa Aadde Loomii Badhoon hubachiisan.

Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf mata duree “Idaarraa gara Miindaa” jedhuun leenjiin Akkaadaamii Hoggansa Afriikaatti kennamaa jira.

Miseensonni mana marichaa seerota, dambiiwwanii fi imaammatoota gufuu ta’an sakatta’uun hojiilee fooyya’oo hojjechuu fi rakkoolee furuuf bu’uura ergamaa fi aangoo mana marichaan gahee isaanirraa eegamu akka bahatan akeekaniiru.

Rakkooleen yoo mudatanillee biyyattiin guddina akka galmeessituu fi qabeenya caalu uumuuf akkasumas carraan qabeeya uumamaa fayyadamuu hubachuun, akka barbaachisu ibsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Fuuldurattis nageenyaa fi guddina waaaraa biyyattii mirkaneessuuf aadaa waloo cimsuu, itti fayyadama teeknooloojii guddisuu, aadaa qusannaa fi akka malee itti fayyadama qabeenyaa sakatta’uu fi sirrachuu akka qabu dubbataniiru.

Keessumaa ilaalcha gandummaa fi naannummaa keessaa ba’uun, obbolummaan waloon dhaabbachuun rakkoo yeroo biyyattii furuun gara bantii olka’iinsaatti ba’uun murteessaa ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.