Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalaa Sabbataa ganda 04 Furiitti Birriin Ityoophiyaa miiliyoonni 3.7 ol fi maallaqni biyyoota addaddaa qabame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Sabbataa ganda 04 Furiitti Birriin Ityoophiyaa miiliyoonni 3.7 ol fi maallaqni biyyoota addaddaa qabame.

Koominikeeshiniin magaalichaa akka beeksisetti Birriin qabame 3,751,830 yoo ta’u, kana malees Doolarri Ameerikaa kumni 2 fi 950, maallaqni Duubaay, Yuunaaytid Arab Emmireet, Paakistaanii fi Oomaan noottiiwwan gara garaa seeraan ala socha’aa ture to’atameera.

Ajajaan poolisii kutaa magaalaa 3ffaa Inispeektara Olaanaa Taddasaa Hurrisaa maallaqichi eeruu ummataa fi qindoomina qàamolee nageenyatiin mana nama dhuunfaa keessatti shaanxaa guutuun siree jala osoo dhokafamee taa’uu qaamota nageenyaa magaalichaatin to’atameera.

Hoogganaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya ganda 04 obbo Birhaanuu Tarreessaa Birrichii mana nama dhuunfaa lammii Paakistaan keessa jiraatan keessaa argame.

Gara fulduraattis maallaqa seeraan alaa fi hojiilee seeraan ala hojjetaman to’achuuf ciminaan kan hojjatamuu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.