Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalichaatti hojii dhabeeyyii kuma 115 ol waldaan gurmeessuun carraan hojii uumamuufi ibsame

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC) – Bulchiinsa magaala Shaggaritti hojii dhabeeyyii kuma 115 ol waldaalee kuma 7 fi 265 jalatti gurmeessuun carraan hojii uumamuufi ibsameera.

Hojii dhabeeyyiin kunneen dameewwan hojii Ijaarsaa, Albuudaa, Misooma Beelladaa, Qonnaa fi kanneen biroorratti gurmaa’uun hojjechaa jiraachuu Itti Aanaa Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hoji Uumuu fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Hayiluu Daraarsaan himaniiru.

Hojii dhabeeyii kuma 148 oliif carraa hojii uumuuf karoorfamee kuma 115 ol hojiittti galchuun danda’amuu himaniiru.

Hojii dhabeeyyiin gurmaa’aan kunneen akka milkaa’aniif deeggarsi ogummaa, leenjiin, dhiyeessiin liqii, sheedii, lafti hojii fi bu’uuraaleen misoomaa biroon guutamuu eeraniiru.

Hojii dhabeeyyiin kumni 200 ol calalamuus Obbo Hayiluun dubbataniiru.

Addis Taammiraatiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.