Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa dargaggootaa kuma 28 ol gara hojiitti ni bobbaasa jedhame

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa dargaggootaa fi dubartoota kuma 28 ol gara hojiitti kan bobbaasu ta’uu ibsame.
Dubratootaa fi dargaggoota kanneeniif carraa hojii haaraa uumuuf Koollejjoota Ogummaa fi Teeknikaa hunda keessatti leenjiin laatamaafi tureera.
Miidhagina magaalaa, misooma magariisaa, bolfa gogaa walitti qabuu fi dameewwan biroorratti leenjiin laatamaa tureera jedhame.
Dubartoonni fi dargaggoonni kunneen har’a bakka itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi hoggantoonni olaanoon magaalichaa argamanitti gara hojiitti kan bobba’an ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.