Fana: At a Speed of Life!

lammiilee balaa lolaatin miidhamaniif deeggarsi maallaqa fi meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 29tti tilmaamamuu taasise

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee balaa lolaatin miidhamaniif deeggarsi maallaqa fi meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 29tti tilmaamamuu taasiseera.

Deeggarsichi baajata bulchiinsa magaalaa Finfinnee, liigii dargaggoota paartii badhaadhinaa, tola ooltotaa fi waldaa dhuunfaa Amiibaaraa irraa kan walitti qabame ta’uu itti aantuun kantiiba magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee karaa fuula Feesbuukii isaanii ibsaniiru.

Deeggarsichi naannoo Affaariif miliyoona 12, Oromiyaaf miiliyoona 8, Amaaraatiif miiliyoona 5

naannoo Sabaa fi Sablammootaa fi Ummatoota kibbaatiif miiliyoona 4 taasifameera.

Aadde Adaanach hojii sassaabbi deeeggarsa kanaarratti kan hirmaatan darggaggota tola ooltota ,waldaa dhuunfaa Amiibaaraa fi liigii dargaggootaa paartii badhaadhinaas galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.