Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa baatii sadan darbaniitti Hidha Haaromsaaf Birrii miiliyoona dhibba 5 walitti qabe

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee baatiwwan sadan darbantti Birrii miiliyoona dhibba 5 ol Hidha Haaromsaaf walitti qabuu beeksise.
 
Ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf bulchiinsi magaalichaa sosochii galii walitti qabu gaggeessaa jiraachuu ibsameera.
 
Waggaatti Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 89 walitti qabuuf karoorfamee baatiwwan sadan darban keessatti qofa Birrii miiliyoonni dhibbi 5 walitti qabamuu Waajjiirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddichaa magaalaa Finfinnee Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif himeera.
 
Galiin baatiwwan kanneen keessa walitti qabame bara kana hanga karoorfamee ol walitti qabuun akka danda’amu agarsiiftudha jedhan itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Misikkir Nagaash.
 
Guutinsi bishaanii marsaan duraa milkiin xumuramuun isaa galii argameef sababa olaanaa ta’uu ibsameera.
 
Kutaa bulchinsa magaalichaa hundurra Waancaa hidhichaa naanneessun galiin walitti qabamaa jiraachuu himaniiru.
 
Hawaasni deeggarsa hidhichaaf taasisu cimsee itti fufuu akka qabu obbo Misikkir dhaamaniiru.
 
Erga ijaarsi hidhichaa eegalamee hanga dhuma bara darbeetti Birriin Biiliyoonni 1.1 ol walitti qabamuu itti gaafatamichi itti dabaluun ibsaniiru.
 
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.