Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa duula birmadummaaf Birrii Miiliyoona 57 ol deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Dabra Birhaan duula birmadummaaf Birrii Miiliyoona 57 ol deeggarsa taasisuu beeksise.

Duula birmadummaaf deeggarsi Birrii miiliyoonni 57 fi kuma 82 fi 817 hawaasarraa sassaabbamuu Itti aanaan kantiibaa magaalichaa obbo Akaaluu Wandimmuu ibsaniiru.

Hawaasa daldalaarraa Birrii Miiliyoona 10 ol, jiraataa magaalaarraa miiliyoona 4, qonnaan bulaarraa Kuma dhibba 3 fi kuma 64 fi 380, hojjetaa mootummaarraa miiliyoona 32 fi kuma dhibba 8 fi kuma 49 walitti qabuu eeraniiru.

Jiraattonni magaalaa duula birmadummaaf deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufaniif waamicha taasisuu ragaan bulchiinsa magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.