Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa faalama naannoo ittisuu fi too’achuuf dargaggoota 554 gara hojiitti galche

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Komishiniin Eeggumsa Naannoo fi Misooma Magariisaa magaalaa Finfinnee faalama naannoo ittisuu fi too’achuuf dargaggoota 554 leenjisaa ture gara hojiitti galchuu beeksiseera.
Leenjiin dargaggoota kanneeniif guyyoota shaniif laatamaa ture xumuramuu komishinich beeksiseera.
Dargaggoonni kunneen Indaastiriiwwanii fi dhaabbileen tajaajila laatan faallama qaqqabsiisaan hojii hordofuu fi too’achuu ni raawwatu jedhame.
Faalama naannoo magaalaa Finfinnee keessatti muul’atu ittisuu fi too’achuuf dargaggoota leenjisuun hojiitti galchuun barbaachisaa ta’uu komishinarri Komishinii Eeggumsa Naannoo fi Misooma Magariisaa magaalaa Finfinnee Sisaay Geetaachaw isaniiru.
Dargaggoonni kunneen madda faalama sagalee, balfa dhangala’oo fi gogaa qorachuun yaada furmaataa ni dhiyeessu jedhameera.
Bulchiinsi magaalichaa marsaa duraan baajata Birrii miiliyoona 30 ol ramaduun leenjicha laachuu dubbataniiru.
Dargaggoota gosa barumsaa eeggumsa naannoo fi hidhata qabaniin eebbifaman bal’inaan gara hojiitti galchuuf karoorfamuu eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.