Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa jiraattoota harkaa qalleeyyii kuma 60’f maaddii qoode

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, jiraattota kuma 60’f sagantaa maaddii waliin qooddachuu gaggeesseera.

Sagantaan kun lammiilee kuma 60 fi 99 kan giddugaleeffatee fi waliigalaan Birrii miiliyoonni 126 baasii ta’eera jedhame.

Dhuunfaa dhuunfaatti birrii kuma 2 fi 100 kan baasan zayiita, makaroonii, ruuzii, fuduraaf muduraa qonna magaalaan oomishamanii fi meeshaalee bu’uuraa biroo arjoomameera.

Kantiibaan Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebee, yeroo rakkisaa kana darbuuf tokkummaa keenyaa cimsuudhaan aadaa walgargarsaa fi waltumsuu jabeessuu qabna jechuu isaanii EBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.