Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa lammiilee sababa weerara garee ABUT qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasiise

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUTtiin qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun magaalaa Bahaar Daar iddoo tursa yeroo Zanzalmaa keessa qubatanii jiraniif deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasiise.
Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee magaalaa Bahaar Daaritti argamuun lammiilee kanneenif deeggarsicha laataniiru.
Midhaan Nyaataa fi uffattaalee Birrii miiliyoona 20 olitti tilmaamamuu taasiisaniiru.
Deeggarsi eegalame kan itti fufu ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru.
Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan deeggarsa bulchiinsi magaalichaa taasiiseef galateeffachuu AMC gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.