Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa midhaan kuntaalaa kuma 42 ol galche

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaala’iinsa jireenyaa uumame furuuf midhaan kuntaalaa kuma 42 ol Waldaalee Hojii Gamtaa naannoo Oromiyaarraa fudhachuu beeksiiseera.

Itti aanaan Kantibaa magaalaa Finfinnee Obbo Zyaanxiraar Abbay qaala’iinsa jireenyaa mudate furuuf Waldaalee Hojii Gamtaa Naannoo Oromiyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa jiraattoota mudate furuuf Xaafii Kuntaala Kuma 5 fi 700, Daakuu Qamadii kuntaala kuma 9, Daakuu Boqqoolloo kuntaalaa kuma 13, waliigalata oomishaalee midhaanii kuntaala kuma 28 ol bulchiinsa magaalaa Finfinneef dhiyaachuu Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Yeroo torbee tokko hin guunne keessatti midhaan kuntaalli kumni 400 ol gabaa Finfinneef dhiyaachuu Obbo Awwaluun ibsaniiru.

Yeroo dhiyoottis midhaan akaakuun adda addaa kuntaalli kumni 40 -50 magaalichaaf kan dhiyaatu ta’uu Obbo Awwaluun dubbachuu ragaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.