Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Tiraamp Wiichaatiin akka hin uggurre manni murtii murteesse

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) –Bulchiinsi Tiraamp Wiichaatiin akka hin uggurre manni murtii murteesse.

Ameerikaan abbummaan isaa Chaayinaa kan ta’e appilikeeshinii Wiichaat ittisuuf carraaqqii taasifte manni murtii dhaabsise.

Abbaan murtii Looreel Beelar Ameerikaan Wiichaatiin ugguruuf yaaliin taasifte heerri mootummaa kan daangessu walabbuumaa haasaa kan sarbudha jedhan.

Dhaabbileen daldalaa Ameerikaa Wiichaatiin appilikeeshinii fe’uumsaa biyyattirratti akka hin argamne murtoon darbeera.

Preezdaanti Doonaald Tiraamp appilikeeshinichi nageenya biyyaalessaaf sodaadha jedhaniiru.

Fayyadamtoonni applikeeshinichaa ragaa dhuunfaa mootummaa Chaayinaaf dabarsanii ni laatus jedhan.

Chaayinaa fi dhaabbanni Wiichaat himaticha komataniiru.

Wiichaatiin kan bulchu Teenseent Ameerikaan appilikeeshinicha ugguruuf yaaduun isheeyyu waan nama gaddisiisudha jedhan.

Murtichi kan darbe Teektook hojiisaa itti fufuu kan danda’u dhaabbilee Teeknooloojii Ameeikaa Oraakilii fi Walmaart waliin erga waliigalee booddeedha.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.