Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay miseensota kaabinee haaraa ifoomse

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Miseensonni kaabinee haaraa Muudaman gara hojiitti galuu bulchiinsi yeroo naannichaa beeksiseera.
Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay obbo Gabramasqal Kaasaan miseensonni haaraa muudataman gara hojiitti galuu ibsaniiru.
Miseensota Kaabinee naannichatti barbaadaman keessa muudatmtoonni 11 ifatti hojii eegaluu eeraniiru.
Haaluma kanaan:-
1. Dooktar Kaahisaat Birihaanuu – Hogganaa Biiroo Faayinaansii
2. Injiinar Aluulaa Haabta’aab – Hogganaa Biiroo Konistiraakshinii, Daandii fi Gaajjibaa
3. Dooktar Faasikaa Amda Sillaasee – Hogganaa Biiroo Fayyaa
4. Obbo Abarraa Nigisuu – Hogganaa Biiroo Haqaa
5. Aedde Iteenash Niguse – Hoggantuu Biiroo dhimmoota Koominikeeshinii
6. Obbo Yooseef Tasfaay –Hogganaa Biiroo, Daldaalaa, Indaastirii fi misooma magaalaa
7. Dooktar Tasfaay Salamoon – Hogganaa Biiroo Barnootaa
8. Dooktar Gabrahiyiwaat Laggasaa – Hogganaa Biiroo Qorannoo Bishaanii fi Dizzaayinii
9. Obbo Salamoon Abarraa – Hogganaa Biiroo Qabeenya Bishaanii
10. Obbo Abrahaa Dassitaa – Hogganaa Biiroo Dhimma Hawaasummaa
11. Obbo Gabramasqal Kaasaa –Itti gaafatamaa Waajjira bulchiinsa yeroo ta’uun muudatamaniiru.
Miseensonni Kaabinaa hafan yeroo itti aanu kan guutaman ta’uu ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.