Fana: At a Speed of Life!

Bulchiisni Magaalaa Jimmaa namoota Mana Jireenyaa hin qabneef 629f lafa Mana Jireenyaa laate

Finfinnee, Amajjii 8, 2014 (FBC) – Bulchiisni Magaalaa Jimmaa namoota Mana Jireenyaa hin qabne waldaalee 28 jalatti ijaaraman 629f lafa Mana Jireenyaa laateera.

Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaafi itti fayyadama lafa Magaalaa obbo Abdoo Abbaa Giddii namoonni har’a lafti darbeef sirnaan akka itti fayyadaman hubachiisaniiru.

Hannaa fi waliin dhahiinsa naannoo itti fayyadama lafaarra ture hambisuuf xiyyeeffannoon ni hojjennas jedhan.

Rakkoo bulchiinsa gaarii lafaan walqabatee jiru furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiruu Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa ibsaniiru.

Namoonni guyyaa har’aa lafa mana jireenyaa argatan sirnaan misoomsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tamasgeen Allebbaachotu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.