Fana: At a Speed of Life!

Buufanni konkolaataa magaalaa Roobee ji’a tokko keessatti xumuramuun tajaajjila akka kennu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Godina Baalee Magaalaa Roobeetti buufanni konkolaataa baasii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 25 ijaaramaa jiru ji’a tokko keessatti xumuramuun tajaajjila akka kennu ibsameera.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee obbo Gazaahenyi Dajanee, akka ibsanitti buufanni konkolaataa lafa heekteera 3 irratti ijaaramaa jiru kun waajjirraalee adda addaa, tajajilàa baankii , mana yaalaa , mana fincaanii fi iddoo aara galfii kan of keessaa qabuu ta’uus himaaniru.
Daayrektari Olaanaa Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaaa Injiinar Abdurqaadir Huseen bara 2012tti ijaarsi isaa kan jalqabe buufanni konkolaataa kun yeroo jedhameetti xummuruuf haalaa sadarka isaa egattee fi qulqullinaa qabuun hojjetama jiraachuu ibsaniruu.
Yeroo ammaa kana ijaarsi buufata kanaa %93 irra kan ga’e yoo ta’u, ji’a tokko keessatti xummuramee tajaajila ni eegala jedhaniiru.
Buufatichi xumuramee wayita hojii eegalutti namoota 2000 ta’aaniif carraa hojii akka uumu ibsaniiru.
Lammaa Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.