Fana: At a Speed of Life!

Buufannii konkolaataa giddugaleessa gara buufatalee konkolaataa birootti jijjiiramu Abbaan Taayitaa geejjibaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaala Addis Katamaa naannoo Awutoobis Taraa jedhamuu waamamuutti kan argamu buufannii konkolaataa giddugaleessa gara buufatalee konkolaataa birootti jijjiiramu Abbaan Taayitaa geejjibaa beeksise.
 
Ibsa Abbaan Tayitichaa Tajaajila Oduu Ityoophiyaattif ergeen, tatamsa’ina Vaayrasii Koroonaa (COVID-19) hir’isuuf hojjechaa akka jiru ibseera.
 
Walitti siqinsa namoota hir’isuuf tajaajiloota buufata konkolaataa giddugaleesaa Finfinneen laatamu guyyaa har’aa eegalee gara buufataalee konkolaataa birootti jijjiiramun tajaajjilli kan kennamu ta’uu eereera.
 
Bu’uuruma kanaan,bobbiin Hoossa’inaa, Buttaajiraa, Tulluu Boolloo, Walisoo, Walqixxee fi Guraagee Sabaat Beet buufata konkolaataa Ayyar Xeenaan kan kennamu yoo ta’u, bobbiin Adaamaa fi Bishooftuu ammoo yeroo hin murtoofneef buufata konkolaataa Laambaratii fi Qaalittii jijjiramuun tajaajila kan kennan ta’a.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.